Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa dhiifamaa sababeeffachuun deeggarsi harka qalleeyyiif taasifame

Finfinnee, Qaammee 1,2012 (FBC) – Godina Shawaa Kibba Lixaatti Qaammee tokko guyyaa dhiifamaa sababeeffachuun harka qalleeyyii aanaalee godinichaa 3’f deeggarsi taasifame.
Dhalattoonni aanaa Awaash Malkaa, Qarsaa Maalliimmaa fi Sooddoo Daaccii biyya keessaa fi ala jiraatan harka qalleeyyii aanaalee godinichaa 3’f deeggarsi taasisaniiru.
 
Daakuun qamadii fi zaytiin nyaataa harka qalleeyyii aanaalee kanneeniif laatameera.
 
Kitaabonni gosa barnoota garaagaraa manneen barnootaa aanaalee kanneeniif arjoomameera.
 
Dabalataan ogeeyyii fayyaa aanaalee godinichaa keessa hojjechaa jiraniif Saaniitaayzeeriin kennameera.
Harka qalleeyyiin deeggarsa kana argatan gama isaaniin deeggarsa godhameefiitti gammaduu dubbataniiru.
 
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.