Fana: At a Speed of Life!

Hooggantonni hojii olaanoo balaa bishaanni Awaash guute qaqqabsiisa jiru daawwatan

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC)- Hooggantonni hojii olaanoo mootummaa Federaalaa balaa bishaanni Awaash guutee qaqqabsiisa jiru daawwataniiru.

Hooggantonni hojii olaanoo Abbaa Taayitaa misooma yaa’alee, komishiinii sodaa balaafi hooggansa, komishiinii misooma bishaanii fi dhaabbilee biroorra walitti babba’aan naannoo Affaar iddoowwan balaa lolaan miidhaman daawwataniiru.

Iddoowwan balichaan miidhaman keessa tokko magaalaa Amiibaar yoo ta’uu, jiraattota magaalicha baasuuf tattaaffin eegalameera.

Guyya har’aas jiraattota magaalicha sosochoosun akka danda’amuuf rayyaan ittisa biyyaa odoloota 4 qabachuun magaalicha galeera.

Kana cinaattis rayyaan ittisaa biyyaa heelikooptaroota fayyadamuun namoota bishaaniin marfaman bakkicha baasa jiru jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.