Fana: At a Speed of Life!

Dawaan talaallii Covid-19 doozii miliyoona 200 fi miiliyoona 20 caalu Afriikaaf dhiyaachuuf

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC) – Afriikaan marsaa jalqabaan dawaa talaallii Covid-19 doozii miiliyoona 200 fi miiliyoona 20 caalu argachuuf jirti jedhe Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO).

Dawaa marsaa duraan argamu kanaan hojjettoonni fayyaa fi namoonni vaayirasichaaf daran saaxilamoo ta’an dursa argatu jedha Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Sagantaan Afriikaa.

Hoogganaan sagantaa kanaa Richaard Mihiigoo akka jedhanitti dawaan kun kan hiramu akkaataa baay’ina uummataa biyyoota Ardichaatiin.

Biyyoonni Afriikaa 54 dawaa kana akka barbaadan ibsaniiru jedhan Aab Mihiigoon.

Afriikaan baay’ina uummataa biiliyoona 1.3 caalu qabdi.

Hanga xumura bara 2021tti dawaan talaallii Covid-19 doozii biliyoona 2 ta’u biyyoota Afriikaaf ni dhiyaata.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.