Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee Teekinooloojii Hindii 31 torbaan Innoveshinii fi Teekinooloojii Ityoo-Hindii hirmmaachuuf Finfinnee galaniiru

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Dhaabbilee Teekinooloojii Hindii 31 torbaan Innoveshinii fi Teekinooloojii Ityoo-Hindii hirmmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Hojii kalaqaa gara daldalaatti galchuu fi oomishoota teekinooloojii Hindii akkasumaas beekumsa teekinooloojii Hindii gara Ityoophiyaatti ceesisuuf yaadame kan qophaa’edha.

Saganticharratti argamuun haasaa kan taasisaan Ministiri Ministira Innoveshinii fi Teekinooloojii Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa Ityoophiyaan damichaan Hindirraa waan hedduu akka barattu dubbataniiru.

Dooktar Injiinar Geetaahuun guddinni oomisha waliigalaa sadarkaa gaarirra akka ga’u mootummaan hojjechaa jira. Kanaafi gabaa teelekoom damee dhuunfaaf kan saaqe jedhan.

Ityoophiyaatti ambaasaaddarri Hindii Anuurg Sirvaastaavaa Hindiin qabeenya beekkumsa qabdu Afrikaanootaaf qooduu akka barbaadduu hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.