Fana: At a Speed of Life!

Bara haaraatti gaaffiiwwan ijaarasa ummataaf karaa nagaa deebisuuf ni hoojetama – obbo Ristuu Yirdaaw

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) –Bara haaraatti gaaffiiwwan ijaarsa ummataa karaa nagaa deebisuuf ni hoojetama – obbo Ristuu Yirdaaw
 
Bara haaraatti gaaffiiwwan ijaarsa ummataa karaa nagaa deebisuuf akka hojjetan Itti aanaan Preezdaantii Mootummaa Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw ibsan.
 
Faanaa Broodkaastiingi koorporeeshiin waliin turtii kan taasisan Itti aanaan Preezdaantii Mootummaa Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw bara baajataa xumurametti nageenyaa fi tasgabbii naannichaa eeguun ummanni fuula isaa gara hojiiwwan misoomaatti akka naanneeffatu taasisuuf hojjetameera jedhan.
 
Caasaa mootummaa gandaa hanga naannootti cimsuun nageenyaa fi tasgabbii umuurratti hojii bal’aan hojjetamuu ibsaniiru.
 
Bara baajataa 2013tti gaaffiiwwan ijaarsaa naannoo karaa nagayaa fi seera qabeessaan furmaata kaa’uuf akka hojjetan kaasaniiru jechuun Hayleyesuus Mokonniintu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.