Fana: At a Speed of Life!

Hoogganaan waajjira Eeyyamaa fi To’annaa Ijaarsaa, karaa seeraan alaa eeyyama ijaarsaa laachuuf Birrii kuma 100 fi kuma 40 otuu fudhatu harkaaf harkatti too’atame

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC) –Bulchiinsa kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo aanaa 03tti Hoogganaan waajjira Eeyyamaa fi To’annaa Ijaarsaa, karaa seeraan alaa eeyyama ijaarsaa laachuuf Birrii kuma 100 fi kuma 40 otuu fudhatu harkaaf harkatti too’anna jala oole.

Bulchiinsa kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo aanaa 03tti Hoogganaan waajjira Eeyyamaa fi To’annaa Ijaarsaa obbo Efireem Alamuu tajaajilamaf karaa seeraan alaa eeyyama ijaarsaa laachuuf Birrii kuma 100 fi kuma 40 otuu fudhatu harkaaf harkatti too’anna jala ooleera.

Abbaan dhimmaa odeeffannoo waajjira kantiibaa fi komishinii poolisii magaalaa Finfinneef laateen hooggantichi maallaqicha otuu fudhatu harkaaf harkatti too’atamuu kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftootti Hoogganaan hordoffii Yakkaa Komaandar Awalu Ahimad himuu ragaan waajjira Prees Sekiratarii magaalaa Finfinnee irraa argame ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.