Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan namoota 9 Alshabaabin deeggaru jette qabeenya isaanii uggurte

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC)- Keeniyaan namoota 9 Alshabaabin deeggaru jette qabeenya isaanii uggurte.

Ministeerri biyya keessa Keeniyaa akka beeksiseetti, murtichi hookkora biyya keessa ittisuuf kan kaayyeeffateedha jedhera.

Ministeerri nageenya biyya keessa gama isaatiin, kana booda daangaa Keeniyaa keessatti deeggarsa Alshabaabiif hin taasisaani jechuun dubbateera.

Gareen Alshabaab ajandaa isaa galmaan ga’aachuuf namoota qopheeffacha akka jiru akeekkachiseera.

Tibba kana kan dhaga’amee ibsi ministeericha, preezdaantiin biyyatti Uhuuruu Keeniyaattan dhibba weerara vaayrasii koroonaa fi dhimma nageenyarrati dhaabbilee idi addunyaafi hoggantoota biyyoota waliin mari’achurratti hundaa’eeti.

Preezdaant Uhuuruun marii isaaniin weerarri vaayrasii koroonaa Alshababootaf haala mijaata uuma akka jiru beeksisaniiru.

Keeniyaan kana dura haleellaan Alshabaab kan irra ga’ee yoo ta’u, bara Faranjoota 2011 irra eegalee loltoota ishee gara Soomaaliyaatti erguun ishees ni beekamaadha.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.