Fana: At a Speed of Life!

Maanchistar Yunaayitid Ayaks Irraa Doonii Vaan Dee Beek Mallatteessifate

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC) –Maanchistar Yunaayitid Ayaks Irraa Doonii Vaan Dee Beek Mallatteessifate.

Maanchistar Yunaayitid taphataa Gannaa 23 Doonii Vaan Dee Beek Ayaks Irraa Pawundii Milliyoona 35nin mallatteessifateera.

Doonii Vaan Dee Beek Maanchistar Yunaayitid waliin waggoota shan turuuf gara kilabichaatti makameera.

Maanchistar Yunaayitid Paawundii Miiliyoona 35 amma Kanfaluun alatti ,gahumsa taphaticharratti hundaa’ee miiliyoona shan kaffalaas jedhameera.

Lammiin Neezerlaandis kan ta’e Doonii Vaan Dee Beek taphootaa 175 kilabaa Ayaks Amesterdamiin kan tajajiilee yoo ta’u, goolii 41 galcheefis jira.

Doonii Vaan Dee Beek Kilabaa Seenaa qabuu Maanchistar Yunaayitiditti makamuun isaas hedduu akka gammachiise himeera.

Maddi:-BBC Sport

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.