Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan dorgommii kalaqa anniisaa Ityoophiyaa fi Jarman ifoome

Finfinnee, Hagayya 27, 2012 (FBC) – Sagantaan dorgommii kalaqa waliinii damee anniisaa Ityoophiyaa fi Jarman ifoomuu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii beeksise.

Sagantaa kanarratti hogganttoonni olaanoon Ityoophiyaa fi Jarman, bakka buutoonni, hirmaattonni damee dhuunfaa fi ogeeyyiin damee kalaqaa hirmaataniiru.

Sagantichi mata duree ‘furmaata inarjii hin waaltoofne’ jedhuun gaggeeffamee irratti, dorgoommiin kalaqa barattoota, qorattootaa fi carraa hojii uumuu Ityoophiyaanotaaf ifoomuu ministeerichi kan ibse.

Dorgoommichi waliin ga’iinsa humna elektirikaa babaldhisuu fi jirattoota baadiyyaa dabalatee walin ga’uuf tattaaffii taasifamu ni deeggara jedhameera.

Kanarra darbees hojiin kalaqaa dhiyaatu faallamaa naannoorra bilisa kan ta’e, amansiisa, gatii madallawaadha jedhameera.

Kunis fayyaa, bishaan, tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf kan deeggaruu fi itti fufiinsaa tajaajila kennuu akka danda’uus himameera.

Sagantaan dorgommii kalaqa waliinii damee anniisaa Ityoophiyaa fi Jarman bara Faranjoota 2019 baatii Sadaasa Ityoophiyaatti Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa Jarmanitti ministirri ministeera dhimmoota diinagdee fi inaarjii Piitaarii waliin mallatteessuun kan eegalame waliigaltee tumsaa ta’uu ibsameera.

Dorgomicha ilaalchisee odeeffannoo bal’aa argachuuf fuula weebsaayitii ‹‹ Ethiopian-German Energy Partnership›› irraa argachuun akka danda’amu ragaan ministeericharra arganne ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.