Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan lubbuu dhabanii 828 qaqqabe

Finfinnee, Hagayya 27, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa 1,173 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.
 
Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 18,160 hojjetameen, namoota 1,173 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 19 yoo ta’an, waliigala lubbuun namoota 828 darbeera.
 
Haaraan kan dandamata 493 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 19,487.
 
Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 53,304 qaqqabeera.
 
Namoonni 306 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo amma vaayrasichi namoota 32,987 irratti argama.
 
Waliigalaan qorannaan laabraatoorii 928,453 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.