Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin hubannoo uumuu sagantaa fi dambii Paartii Badhaadhinaa hoggantoota bulchiinsa magaalaa finfinneef kennameera

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Waltajjiin hubannoo uumuu sagantaa fi dambii Paartii Badhaadhinaa hoggantoota bulchiinsa magaalaa finfinneef kennameera.

Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hogganaa qindeessaa olaanaan giddugala ijaarsa sirna dimokiraasii fi miseensi hojii raawwachiftu paartii Badhaadhinaa obbo Tasfaayee beeljigee waltajjicha irratti argamuun leenjitootaaf ibsa laataniiru.

Kaayyoon leenjicha inni guddaan; hoggantootaa sadarkaan jiraanii fi miseensoota hundaaf sadarkaa adeemsa paartii irra jiru ragaan qindaa’aan akka jiraatu taasisu.

Sagantaa fi dambii paartii Badhaadhinaa irratti marii taasisuun yaadoota biro walitti qabuu.

Paartiin Badhaadhinaa baatii dhufutti dhaabbilee gurguddaa fi hojiiwwaan siyaasaarratti hubannoo uumuuf kan qophaa’e ta’uu obbo Tasafaayeen ibsaniiru.

Leenjichi hoggantoota magaalaa marsaa 2 kan kennamu yoo ta’u, marsaa jalqabaan lenjitoonni 1600 ol hirmaataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.