Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Siiviilii irra deebiin labsii haaraan hin galmoofne ni cufamu

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Dhaabbileen bu’ura labsii Siiviilii hawaasaa haaraan irra deebiin hin galmoofne kan cufaman ta’uu Eejansiin Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa beeksise.
 
Eejansiin Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa rakkoolee dhaabbilee qunnaman furuun haala danda’amurratti marii gaggeesseera.
 
Daayreektarri hordoffii galmeessaa fi gamaaggamaa eejansichaa obbo Tashoomaa Warquu dhaabbileen bu’ura labsii haaraan irra deebiin hin galmoofne ni cufamu jedhaniiru.
 
Labsiin dhaabbilee Siiviilii hawaasaa fooyya’ee ba’e, dhaabbileen Siiviilii hawaasaa labsichi ragga’ee waggaa tokko keessatti irra deebiin akka galmaa’an ni dirqisiisa jedhan.
 
Dhaabbileen kunneen galmee akka xumuran miidiyaaleen waamichi taasifamuufis galmee xumuruu hin dandeenye jedhan.
 
Dhaabbilee Siiviilii hawaasaa biyyattii keessatti galmaa’uun socho’an kuma 3 fi 500 ol keessaa hanga ammaatti dhaabbilee kuma 1 fi 792 qofatu bu’ura labsichaan galmee raawwate jedhame.
 
Kanneen hafan baatii lama dura waamichi taasifamuufis kan hin dhiyaanne ta’uu dubbataniiru.
 
Akka bu’ura labsichaatti dhaabbileen hanga Bitoottessa 4, 2012tti irra deebiin hin galmoofne akka diiggamaniitti lakkawwamu.
 
Qabeenyi dhaabbilee cufamnii caalbaasiin yookaa dhaabbatta humna hin qabneef akka dabarfamu beeksiseera.
 
Gama biroon erga labsichi hojiirra oolee dhaabbileen haaraan 800 eeyyama seera qabeessa fudhachuun sochii eegalaniiru jedhame.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.