Fana: At a Speed of Life!

Torbeewwan itti aanaan Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa Bahaatti hamma Roobaa olaanaatu eeggama

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Torbeewwan itti aanaan Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa Bahaatti hammi Roobaa olaanaa ta’e kan eeggamu ta’uu Giddugalli Qabeenya Qilleensaa Afrikaa Bahaa beeksise.
 
Keessattuu Kaaba Dhiha Ityoophiyaa fi Kaaba Dhiha Sudaan Kibbatti hammi Roobaa olaanaan miilii meetira 200 ol ta’e galmaa’uu akka danda’u giddugalichi yaadachiiseera.
 
Kibba Sudaan, Bahaa fi giddugala Ityoophiyaa, Dhiha Eeritraa, Kaaba Baha Soomaaliyaa, Dhihaa fi Giddugala Sudaan Kibbaa, Kaaba Ugaandaa iddoolee tokko tokkoo fi Dhiha Keeniyaatti hammi Roobaa giddugaleessan Miilii Meetirri 50-200 galmaa’u danda’a jedhamee eeggama.
 
Giddugala Sudaan, Kibba Ityoophiyaa, Jiibuutii, Kibba Eeritraa, Kaabaa fi Kibbaa Soomaaliyaa, Giddugalaa fi Kibba Ugaandaa, Bahaa fi Kibba Taanzaaniyaa hammi Roomaa gadi aanaa ta’e galmaa’uu akka danda’u eerrameera.
 
Irra caala Taanzaaniyaa, Bruundii, Ruwaandaa, Bahaa fi Kaaba Keeniyaa, Giddugala Soomaaliyaa, Kibba Ityoophiyaa iddoolee tokko tokkoo, Kibba Baha Sudaan Kibbaa fi Kaaba Sudaan haalli qilleensaa gogaa ta’e mudachuu danda’a jedhame.
 
Maddi:TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.