Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa bara haaraa abdii haaraan simachuuf qophaa’uu beeksise

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara haaraa mata duree ‘Abdii haaraa’ jedhuun simachuuf qophaa’uu beeksiseera.

Itti gaafatamtuun Seekreetariyaat Preesii Waajjira bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Alfiyaa Yeesuuf saganticha ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Guyyootaa qaammee shananiif moggaasaa garaagaraa laachuun hojiilee tola ooltummaa hojjechuuf qophaa’uu eeraniiru.

Haaluma kanaan Qaammeen 1 guyyaa dhiifamaa, 2 guyyaa Waliinii, 3 guyyaa Ambaasaadarummaa, 4 guyyaa Galataa fi 5 guyyaa Missiraachoo Abdii Gaarii jechuun moggaafamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.