Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy Ahimad Akka biyyaatti galma waloo qabannaan dantaa biyya keenya eegnee injifannoo waloo akka gonfannu homaa shakkii hin qabu jedhan

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Akka biyyaatti galma waloo qabannaan dantaa biyya keenya eegnee injifannoo waloo akka gonfannu homaa shakkii hin qabu – Dooktar Abiy Ahimad

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Akka biyyaatti galma waloo qabannaan dantaa biyya keenya eegnee injifannoo waloo akka gonfannu homaa shakkii hin qabu jedhan.

Kanaaf immoo fedhiiwwan keenya gamaa gamana rarra’anii jiran walitti dhiyaachuu qabu.

Ejjennoo gogaa kaanan jedhe yoo ta’uu baate jedhuun adeemsi taasifamu ,qabeenya, yeroo fi humna qisaasessuu alatti homaa faayidaa hin qabaatu.

Tarkaanfii tokko gara gidduutti dhiyaachuuf fedhiin hin hayyamne biyya tokko haa hafuutii maatii tokko iyyuu hin dhaabu.

Kanaaf, fedhiiwwan keenya kallattii faallaatti harkifaman madaqsuudhaan jaalala biyyaaf qabnu haa agarsiifnu.

Ityoophiyaa jabaatte ijaaruudhaaf adeemsa badhaadhinaa taasifamuun gahee keenya isa gaarii haaba’annu jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.