Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti misooma jallisii babal’isuuf Israa’eel deeggarsa taasiftu itti fufti – Raafaa’eel Mooraav

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti misooma jallisii babal’isuuf Israa’eel deeggarsa taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Isiraa’eel Raafaa’eel Mooraav dubbataniiru.
 
Ityoophiyaa fi Israa’eel hariiroo bara dheeraa lakkoofsise qabaachuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa’eel Raafaa’eel Mooraav turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.
 
Biyyoonni lamaan hariiroo baroota lakkoofsise qabataniis hariiroon diippiloomaasii gama diinagdeen qaban gadi aanaa ta’uu dubbataniiru.
 
Abbootiin qabeenyaa biyyattii misooma qonnaa Ityoophiyaarratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.
 
Damee misooma qonnaan muuxxannoo olaanaa kan qaban dhaabbileen Israa’eel xiyyeeffannoo isaanii gara Ityoophiyaa taasisaniiru jedhan.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan damee Turiizimii biyyoota lamaanii dhiibbaa keessaa gale deebisanii ijaaruuf hariiroo ummataa cimsuurratti cimanii kan hojjetan ta’uu himaniiru.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf Israa’eel Ityoophiyaaf deeggarsa meeshaalee yaalaa ni taasifti jedhan.
 
Silaabbaat Maannaayeetu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.