Fana: At a Speed of Life!

Balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun abbaa warraa fi haadha warraa darbe

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Godina Goojjam Bahaa aanaa Innaarjii Innawugaatti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbeera.
 
Konkolaataan ummataa qaxxaamura biyyaa Dabra Taaboorii gara Finfinnee imalaa ture Baajaajii namoota 3 feetee imalaa jirturra ba’uun lubbuu namoota sadii galaafateera.
 
Balaa naannoo sa’aatii 5:00 qaqqabe kanaan abbaan Warraa fi haati warraa erga tokko du’uu isaanii itti gaafatamaan kutaa Koominiikeeshiinii Waajjira Poolisii aanichaa Koomaandar Simaachow Muunee dubbataniiru.
 
Balichaan konkolaachisaa Baajaajichaa dabalatee lubbuun namoota 3 battalumaatti darbeera jedhan.
 
Ka’umsi balichaa qoratamaa jirachuu Koomaandar Simaachow ibsaniiru.
 
Salaam Asaffaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.