Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti Manni Maree Nageenyaa hundaa’e

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti Manni Maree Nageenyaa hundaa’uu itti aantuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee beeksisan.
 
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee Profeessar Xaasewu Waldehaannaan Preedaantii Mana Marichaa, Artiist Maqdas Tsaggaayee ammoo Itti aantuu Preezdaantii ta’uudhaan filatamaniiru.
 
Aadde Adaanach,filatamtoonni kunneen dhimmi nageenya magaalaa Finfinnee nu ilaallata jechuudhaan jiraattota magaalichaa waliin hiriiruu isaaniif kabajaa fi dinqisiifannaa guddaa qabachuu isaanii fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Filatamtoota kunneen Fuulduratti hojii guddaan kan isaan eeggatu ta’uu eeraniiru.
Magaalaa Finfinneef Badhaadhinni hunda galeessi fi nageenyi guyyaa guyyaa murteessaa waan ta’eef, Manni Maree Nageenyaa kun imaanaa uummataa itti kennamee fi kaayyoo qabatee ka’e galmaan ga’uu akka qaban yaadachiisaniiru.
 
Jiraattoonni magaalichaa hundi nageenya magaalaa Finfinneef waardiyaa dhaabbachuu akka qaban aadde Adaanach waamicha dhiyeessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.