Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Federaalaa sababa hokkooraa ka’ee namoota miidhamaniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Federaalaa godina Arsii Lixaatti rakkoo nageenyaa ajjeefamuu artist Haacaaluu Hundeessaan booda mudateen namoota miidhaan irra gaheef deeggarsa meeshaalee Birrii miiliyoona 18.7 olitti tilamaamamu taasisan.

Deeggarsa meeshaalee kanneeni kan dhiyyeesan itti aantuun Afa Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI aadde Shiittaayee Minaaleeti.

Qaamoleen mootummaa fi hawaasni naannichaa namoota miidhaan irra gahe kana akkuma aadaa naannichaatti isin bira jirra jechuudhaan aadaa waliin jireenyaa ture cimsuu akka qabanis aadde Shittaayeen dhaamaniiru.

Godinichatti namoota qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqa’a qe’ee isaanitti akka deebi’aniif xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuus himameera.

Godinichatti rakkoo uumamee tureen abbaa warraa 428 maatii 3,953 of jalaa qabu irraa miidhaa kan gahe yoo ta’u,hojii deebisanii dhaabuu hanga ammaatti hojjatameen manneen miidhaan irra gahe 224 keessaa 171 ijaaramanii 50 immoo suphamuu fi kan hafes itti deemamaa jiraachuu ragaan waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Godina Arsii lixaarra arganne ni muuldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.