Fana: At a Speed of Life!

Mata duree ‘qaammee hanga qaammeetti ni qaqqabna’ jedhuun bara dhufu sosochiin nageenya daandii ni aademsifama-Ministeera Geejjiba

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Mata duree ‘qaammee hanga qaammeetti ni qaqqabna’ jedhuun bara 2013ttii sosochiin nageenya daandii akka gaggeeffamu Ministeerri Geejjiba beeksiseera.

Ministirri minsteera Geejjibaa aadde Daagimaawwiit Mogas, sochichaa irratti hundaa’uun ibsa laataniiru.

Sochichi waggicha gutuu kan gaggeeffamuu ta’uu ibsuun nageenya daandii eeguun lubbuu lammiilee balaarraa eeguu qabna jedhaniiru.

Sosochichi qaammee 1 irraa eegalee sagantaalee garaagaraan akka eegaluu kan dubbatan ministirittin sosochichaan sagantawwan hubannoo uumuu, hojiwwan to’annoo fi barumsaa akkasumas mariin adda addaa ni gaggeefama jedhaniiru.

Kanarrattis hawaasni siivikii, miidiyaalee fi kutaan hawaasa garagaraa irratti ni hirmaatu jedhaniiru.

Dabalataanis ministeerichi keessayuu lakkoofsa lubbuu lammiilee balaa tiraafikaan darbu ammentaa olaanaan hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjeechaa jiraachuu ibsameera.

Bara 2010 konkolaattota kuma 10 ammentaa du’a qaqqabuu %54 yoo ta’u,bara 2012 tti konkolaattota kuma 10 ammentaan du’a %34 qaqqabuu danda’eera.

Ministeerri Geejjibaa bara 2012 mata duree ‘ni qaqqabnaa’ jedhuun sosochuu nageenya daandii gaggeesuun isaa ni yaadatama

Misikkiir Sinaafiqtu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.