Fana: At a Speed of Life!

Bara 2012tti gandoonni fi mandaroonni 325 itti fayyadamtoota elektiriika taasifamuu danda’aniiru-Tajaajila Elektiriika Ityoophiyaa

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Baajata bara 2012tti gandoonni fi mandaroonni 325 itti fayyadamtoota elektiriika taasufamu Tajaaajjilli Elektiriika Ityoophiyaa beeksiseera.

Tajaaajjilli Elektiriika Ityoophiyaa raawwii 2012 fi karoora 2013 irratti xiyyeeffachuun kallattii kahuun ibsa laatera.

Hoji raawwachisaa olaanaa Tajaajila Elektiriika Ityoophiyaa,obbo Shifarraaw Taliilaa, baajata bara 2012tti magaaloota 495, gandoota fi mandaroota baadiyya itti fayyadamtoota elektiriika taasisuuf karoorfameen gandoonni fi mandaroonni 325 fayyaadamtoota elektiriika tasiifamu ibsaniiru.

Kuniis kan ta’eef siistama tureerra gara siistama haara IRPtti jijjiiruuf yeroo dheeraa fudhaachuun jedhaniiru.

Baajata bara 2013tti lakkoofsa maamiltoota miiliyoona 1tti dabaluu, galii dhaabbaticha guddisuu, tajaajilicha teeknooloojiin deeggaruun waliin gahinsaa isaa ol guddisuuf ni hojjeenna jedhaniiru.

Sisaay Geetinnaatitu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.