Fana: At a Speed of Life!

Koreen hojii raawwachiftuu liigii dubartoota paartii badhaadhinaa magaalaa Bishooftuutti marii gaggeessa jira

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Koreen hojii raawwachiftuu liigii dubartoota paartii badhaadhinaa magaalaa Bishooftuutti marii gaggeessa jira.

Koreen hojii raawwachiftuu kun marii guyyaa lamaaf gaggeeffamuu kana irratti raawwii hojii bara 2012 gamaaggamuudhaan, karoora bara 2013 irratti mari’ata jira.

Miseensooni liigichaas qajeelfama sassaabbi buusii irratti mari’achuun ni raggaasisu jedhamet eegama.

Dabalatanis yaada mana maree gorsaa liigichaa deeggaru hundeessuuf qophaa’ee irraatti kan mari’atamuu ta’uun himameera.

Gaggeessitoonni liigii dubaartoota kanneen xumura mariin booda qamoolee dhimmii ilaallatuu waliin meeshalee nyaataa,uffataa fi kan biroo jiraattota Shashaamannee fi magaaloota Arsii Nageelleetti miidhaan irraa gaheef deeggarsa kan taasisaan ta’un raga fuula Feesbuukii waajjira paartii badhaadhina irra argannee ni muuldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.