Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Jarman deeggarsa damee barnootaan Itoophiyaaf taasisaa ture cimsee akka itti fufu beeksise

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Mootummaan Jarman deeggarsa damee barnootaan Itoophiyaaf taasisaa ture cimsee akka itti fufu beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Doktaar Injiinar Geetahuun Makuriyaa Itoophiyaatti ambaasaaddarri Jarman Isteefeen Awiriin waliin dhimmoota gara garaarratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddarichi deeggarsa mootummaan Jarman damee barnootaafi leenjiin Itoophiyaaf taasisaa ture ammas cimee akka itti fufu dubbataniiru.

Isteefeen Awiriin bara hojii isaanii keessatti Ministeera Barnootaa Itoophiyaa waliin waloon hojjechuuf qophii ta’uusaanis mirkaneessaniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa Doktaar Injiinar Geetahuun Makuriyaa, Itoophiyaan Jarmanirraa muuxannoo fi deeggarsa hedduu akka barbaaddu ibsuun; ambaasaaddarichaaf bara hojii gaarii hawwuufi ragaan fuula Feesbuukii Ministeera Barnootaarraa arganne ni muuldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.