Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dabalataan namoonni 1,533 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin namoonni dabalataa 1,533 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 18,724 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoota 1,533 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabani 16 yoo ta’an, waliigala lubbuu namoota 725 darbeera.

Haaraan kan dandamata 515 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 16,311.

Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 45,221 qaqqabeera.

Namoonni 327 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.

Yeroo amma vaayrasichi namoota 28,183 irratti argama.

Waliigalaan qorannaan laabraatoorii 813,410 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.