Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanachi Abeebee hoggantootaa waajjiraalee magaalichaa garaagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Itti aantuu Kaantibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee hoggantootaa waajjiraalee magaalichaa garaagaraa waliin mari’atan.
 
Hoggantootaa Biiroo Misoomaa lafaa fi maaneejmantii dabalatee, Ejansii haaromsa magaalaa, waajjira bulchiinsa qabiyyee fi dabarsa lafaa waliin marii taasisaniiru.
 
Rakkoolee lafaan wal walqabatee ka’u furuu fi weerara lafa seeraan alaa dursanii ittisuun haala danda’amurratti marii gaggeessaniiru jedhame.
 
Weerara lafa seeraan alaa fi ijaarsa seeraan alaa ittisuu fi tarkaanfii si’ataa fudhachuuf qajeelfamni ka’umsaa fi yaada furmaataa kaa’u yeroo gabaabaatti qophaa’uu akka qabu kallattiin kaa’ameera.
 
Jiraattootta magaalichaaf tajaajila hunda galeessa fi haqa qabeessa ta’e laachuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhame.
 
Sirna komii hiikuu ifa ta’ee diriirsuun hojii raawwachiiftoonni sadarkaan jiranii fi qaamooleen nageenyaa haala itti gaafatamummaa qabuun tajaajila hawaasa hirmaachise laachuu akka qaban aadde Adaanacha gaafataniiru.
 
Weerara lafaa hundeerraa gogsuu fi jijjiirrama bu’uraa fiduuf bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannoo addaan kan hojjetu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.