Fana: At a Speed of Life!

Galii Tuuriizimii addunyaa

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) –-Dameen Tuuriizimii adduunyaa sababa weerara vaayrasii koroonaan galii Doolaara biiliyoona dhibba 3 fi biiliyoona 20 dhabuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.
 
Weerara vaayrasii koroonaa adduunyaa muudaten dameen Turiizimii galii argachuu qabu Doolaara biiliyoona dhibba 3 fi biiliyoona 20 dhabuu barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez beeksisaniiru.
 
Damee kanaan carraawwan hojii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 20 ol ta’an gufachuus ibsaniiru.
 
Daldalli damee Tuuriizimii namoota miiliyoonaan lakkaawwamaniif madda galii guyyaa guyyaa ta’uu eeraniiru.
Sababa weerara vaayrasii koroonaan sadarkaa adduunyaatti lakkoofsi daawwattoota walakkaa oliin waan hir’ateef galiin damee kanarraa argamu daraan gadi bu’eera jedhan.
 
Baatii Amajjii hanga Caamsaa gidduutti qofa galiin Tuurizimii irraa argamuu qabuu Doolaara biiliyoona dhibba 3 fi biiliyoona 20 hir’isuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Hogganaan hordoffii fi morkii gabaa Dhaabbata Tuuriizimii adduunyaa Saandiraa Karvaa’oon ibsaniiru.
 
kunis miidhaa rakkoo faayinansiin bara Faranjootaa 2009 muudate turee dachaa 3n kan caalu ta’uu himaniiru.
Maddi:- Asoosheetiid Prees
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.