Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa gaaffii mirga wabii obbo Lidatuu Ayyaaleew kuffise

Finfinnee, Hagayya 18, 2012 (FBC) – Manni Murtii aanaa Bishooftuu gaaffii mirga wabii obbo Lidatuu Ayyaaleew kuffise.
 
Manni murtichaa mirga wabii dhiyaate kuffisuun guyyootii qorannaa dabalataa 7 eeyyameera.
 
Obbo Lidatuun ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessatiin booda jeequmsi akka uumamu dargaggoota qindeessuu fi maallaqaan deeggaruun shakkamanii qorannaan irratti gaggeeffamaa turuun ni yaadatama.
 
Qorataan poolisii dhimmoota irratti qoratuuf guyyootii 14 gaafatus, manni murtichaa guyyootii 7 laatera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.