Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin waggaa ambaasaaddarootaa eegalame

Finfinnee, Hagayya 18, 2012 (FBC) – Walga’iin waggaa ambaasaaddarootaa eegalame.
 
Waltajjii waggaa kanarratti hoggansi olaanoo Ministeera Dhimma Alaa FDRI, ambaasaaddaroonnii fi qoonsilaa janaraalonni hirmaachaa jiru.
 
Waltajjichi magaalaa Bishooftuu Hoteela Kurriftuutti, har’a Hagayya 18 eegalee hanga Qaammee 3,2012tti taa’ama.
 
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw waltajjicha jalqabsiisaniiru.
 
Waltajjichaan hojii ambaasaaddaroonni maqaa gaarii biyyaa ijaaruu keessatti qaban cimsuu fi kallattii imaammata dhimma alaarratti kan mari’atamu ta’a jedhameera.
 
Dhimmoota addaddaarrattis leenjiin kan laatamu ta’a.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.