Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,368 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Hagayya 17, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin namoonni dabalataa 1,368 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 19,776 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoota 1368 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhaban 25 yoo ta’an, waliigala lubbuu namoota 662 darbeera.

Haaraan kan dandamata 567 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 14,480 ga’eera.

Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 39,033 qaqqabeera.

Namoonni 251 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.

Yeroo amma vaayrasichi namoota 23,889 irratti argama.

Waliigalaan qorannaan laabraatoorii 736,904 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.