Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni biyya eeganii, misoomsanii dhalootaf dabarsuu qabu-preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Hagayyaa 16, 2012 (FBC) – Dargaggoonni biyya abbootirraa dhaalan eeganii, misoomsanii dhalootaf dabarsuu qabu jedhan preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.
 
Guyyaan dargaggoota addunyaa mata duree “Hirmaannaan dargaggootaa badhaadhina Ityoophiyaaf” jedhuun kabajamaa jira.
 
Preezdaant Saahilawarq guyyicha ilaalchisuun ergaa dabarsaniin biyya abbootirraa dhaalle tana dargaggoonni misoomsanii fi eeganii dhaloota itti aanu dhaalchisuu qabu jedhan.
 
Egeree fi baroonni gaarii biyyattii kan mirkanaa’u dargaggootan ta’uus eeraniiru.
 
Ministirri Ministeera Dubartoota, Daa’immanii fi Dargagaggootaa aadde Fiilsan Abdullaahiin gama isaanitiin umrii dargaggummaatti ofii fi biyyaaf hojjechuun ni barbaachisaan dhaaman.
 
Qopheessummaa ministeerichaatin guyyaa kabajamaa jiru kanarratti dargaggoota Hidha Haaromsaatif gumaacha godhaniif beekamtiin ni laatama.
 
Dargaggoonni naannolee addaddaas waltajjicharratti hirmaacha ajiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.