Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dargaggoonni tola oolmaa miiliyoona 1 ol hirmaataniiru

Finfinnee, Hagayyaa 15, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dargaggoonni tola oolmaa miiliyoona 1 ol hirmaataniiru.
 
Ministir deettaan Ministeera Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa aadde Hiywat Hayluun vaayrasicha ittisuu keessatti hirmaannaan dargaggootaa olaanaa akka ture ibsan.
 
Qajeelfamoota ogeeyyii fi qaamolee fayyaa ba’an hojiirra oolchuu, hawaasa barsiisuu keessatti hojii adda duree ta’e hojjechuu beeksisaniiru.
 
Dargaggoonni kanneen vaayrasichaaf akka hin saaxilamne Ministeera Fayyaa waliin walitti dhiyeenyan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Yeroo isaanii haala gaaridhaan akka fayyadamanii fi akka of jijjiiran hojiin jiddugaloota dargaggootaa deebisanii dhaabuu hojjetamaa jira.
 
Karoora waggaa 10 qabameen dargaggootaf xiyyeeffannaan kan laatame ta’uu Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.