Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspooraa biyyoota yaa’a Naayil keessa jiraatan waliin mari’atame

Finfinnee, Hagayyaa 15, 2012 (FBC) – Diyaaspooraa biyyoota yaa’a Naayil keessa jiraatan waliin mari’atame.
 
Odu himaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI Diinaa Muftiin akka beeksisanitti, dhimma ijaarsa hidha Haaromsaarratti hawaasa diyaaspooraa kanneen waliin mari’atameera.
 
Mariin lammiilee fi dhalattoota Ityoophiyaa kanneen waliin taasifame deeggarsa hidhichaarratti kan xiyyeeffatudha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Hawaasni diyaaspooraa kun tumsasaa kan itti fufu ta’uu beeksisaniiru.
 
Ministir deettaan diyaaspooraas Jibuutiitti hoggansa dhaabbilee idil addunyaa fi qondaaltota biyyattii waliin mari’ateera.
 
Hojii diippiloomaasii lammummaatin qoonsilaa Beeyruutii lammiilee Ityoophiyaa 80 ta’aniif sanadni qophaa’efira.
 
Mootummaa Saawdii Arabiyaa waliinis walitti dhufeenyi dansaan jiraachuu beeksisaniiru.
 
Damee tuuriizimii weerara vaayrasii koroonaati miidhame dandamachiisuuf hojjetamaa jiraachuus Diinaa Muftiin beeksisaniiru.
 
Haabtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.