Fana: At a Speed of Life!

Dr Abiy hojjettoota Addabaaba’ii Masqalaa jajjabeessan, aadde Adaanach ijaarsicha daawwataniiru

Finfinnee, Hagayyaa 15, 2012 (FBC) –Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ijaarsi Addabaaba’ii Masqalaa akka ariifatu namoota hojjetan jajjabeessan.
 
Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen proojaktii ijaarsa Addabaaba’ii Masqalaa daawwatan.
 
Daawwicharratti itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Finfinnee obbo Tasfaayee Beeljigee dabalatee abbootiin amantaas argamaniiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa addabaaba’ichaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, hojichi akka ariifatuu fi yeroo qabameef keessatti akka xumuramu namoota ifaajaa jiran mara galateeffataniiru.
 
Dooktar Abiy ergaa isaanitiin naamusni hojii cimaan jabaatanii hojjechuu fi hojiitti dhimmamuu irratti hundaa’e utubaa milkaa’inaati jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.