Fana: At a Speed of Life!

Artiist Haacaaluun yammuu ajjeefamu kan turte Laamroot mana murtii dhiyaatte

Finfinnee, Hagayyaa 14, 2012 (FBC) – Artiist Haacaaluu Hundeessaan yammuu ajjeefamu kan waliin turte Laamroot Kamaal mana murtii dhiyaatte.
 
Laamroot Waxabajjii 22,2012 Artiist Haacaaluun yammuu ajjeefamu kan waliin turte yoo ta’u, har’a Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaa dhiyaattetti.
 
Poolisiin bu’aa qorannaa GPS eeggachaa akka jiruu fi ragaa namaa fi sanadaa walitti qabachuusaa beeksiseera.
 
Yaata’uutii yakkichi xaxamaa ta’uu isaatin guyyootii dabalataa 14 gaafateera.
 
Icciitiin dhimmichaa na jalaa ba’eet burjajajii uuman, bal’ina yakkichaa dhaddachichaaf ibsuu hin dandeenye.
 
Yaata’uutii manni murtichaa galmicha qulqulleessuu akka danda’u poolisiin eerera.
 
Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaas dhimmicha qorachaa jiraachuu poolisiin beeksiseera.
 
Shakkamtuun badii hin qabuun kan falmite yoo ta’u, manni murtichaa yeroo qorannaa dabalataa 6 laatera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.