Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaan du’anii 600 qaqqabe

Finfinnee, Hagayya 14, 2012 (FBC)- Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 kaleessa darbeen namoonni dabalataa1,336 vaayrasii koroonaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbetti samuudaan namoota 21,326 hojjetameen namoonni 1,336 vaayrasichaan qabamaniiru.

Lubbuun namoota 28 yoo darbuu, waliigala lubbuun namoota 600 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 34,058 qaqqabeera.

Nammoonni haaraan 370 vaayrsaicharra yoo dandamata, waliigala lakkoofsii namoota dandamatanii 13,308 qaqqabeera.

Yeroo ammaa namoonni 20,148 yaalarratti argamu.

Namoonni 255 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Hanga ammaatti namoota 672,637 qorannoon laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.