Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin fayyaa dargaggoota biyyaalessaa gaggeeffamuufi

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) – Fooramiin fayyaa dargaggoota biyyaalessaa gaggeeffamuuf akka ta’e Ministeerri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaan beeksisan.
 
Waltajichi imaammataa fi sagantaa fayyaa akka biyyatti qophaa’urratti dargaggoonni akka mari’ataniif kan qophaa’u ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.
 
Fayyaan bu’ura waa hundaati kan jedhan Dooktar Liyaan, waa’ee fayyaarratti dubbachuu fi mar’achuun furmaata waaraa yaa barbaannu jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.
 
Waa’ee karoora fayyaa keenya fuuldurratti mar’achuu fi hojiitti hiikuun jijjiirrama yaa fidnu jechuun ergaa dabarsaniiru.
 
Fooramiin fayyaa dargaggootaa biyyaalessaa jalqabaa guyyaa booruu kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniioru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.