Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dhaabbilee qorannoo Albuudaa 10 fi oomisha Albuudaa 2f eeyyamni kenname

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) –Dhaabbilee barbaacha Albuudaa fi misooma Albuudaa gaggeessuuf ulaagaalee barbaachisuu guutun dhiyaatan 12f eeyyama laachuu Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa beeksise.
 
Ministeerichi ibsa har’a baaseen eeyyama oomisha Albuudaa 2 fi qorannoo Albuudaa 10 laachuu ibseera.
 
Eeyyamni oomishaa kenname kan oomisha Baazaaltii fi Imnabaradii yoo ta’an, Albuuda warqee, sibiilaa, Maangaaneez, Kroomaayitii, Meetii,Dhagaa Jimsamii fi kan biroorratti dhaabbilee qorannoo taasisan 10f eeyyamni kennamuu ibsameera.
 
Dhaabbileen oomishaa lameen Birrii kaappitaala miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 70 fi kuma dhibba 1 fi kuma 86 ol kanneen galmeessan ta’uu himameera.
 
Namoota 187f carraa hojii ni uumuu jedhame.
 
Kanneen qorannoo Albuudarratti eeyyama argatan ammoo Birrii Kaappitaala miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 31 fi kuma dhibba 9 fi kuma 35 galmeessisuu Ministeerichi ibseera.
 
Lammiilee 293f carraa hojii ni uumu jedhe miniteerichi.
 
Dhaabbileen guyyaa har’aa eeyyama fudhatan hundi bu’ura labsii, Danbii fi qajeelfamoota albuudaalee federaalaa fi naannooleen hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru jedhame.
 
Waliigaltichi Ministir deettaa Ministeera Albuudaa fi Boba’aa aaddee Simanyi Wubee fi dhaabbilee eeyyama fudhatan gidduutti mallattaa’uu ragaan Ministirichaa argame ni agarsiisa.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.