Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Nageenyaa fi Koomishinii Araaraa sanada waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) – Ministeerri Nageenyaa fi Koomishiniin Araaraa Ityoophiyaa waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessa.
 
Ijaarsa dandeettii, itti fayyadama qabeenyaa, odeeffannoo fi muuxxannoo wal jijjiiruu, akkasumas dhimmoota walqabatan irratti waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
 
Ka’umsa walitti bu’iinsaa qorachuu, walitti bu’iinsa hiikuuf yaada dhiyeessuu, waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi wantoonni kanaan walqabatan dirqama waloo dhaabbilee lameenii ta’uu himameera.
 
Kaayyoo olaanaan waliigaltichaa muul’ataa fi galma dhaabbilee lamaanii milkeessuuf qindoominaan hojjechuufi jedhame.
 
Waliigaltichi maallaqaa fi humna qusachuun hojii bu’aa qabeessa ta’e raawwachuuf kan gargaaru ta’uu ragaan Ministeera Nageenyaarra argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.