Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi bara baajataa darbe Birrii biiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 33.7 walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii bara baajataa darbe Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 33 fi miiliyoona dhibba 7 ol walitti qabuu beeksiseera.
 
Ministeerichi Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 70 fi miiliyoona dhibba 2 walitti qabuuf karoorfate keessaa % 86 milkeessuu ifoomseera.
 
Biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 28 fi miiliyoonni dhibbi 7 taaksii biyya keessaa irraa, Biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 4 fi miiliyoonni dhibbi 9 ammoo Gumuurukarraa kan argame ta’uu ibsameera.
 
Maallaqni hafa Lootariirraa argame jedhame.
 
Galiin argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame biiliyoona 35.5 caalmaa qaba jedhameera.
 
Caalmaan argame kun waggoota arfan darbanii isa olaana ta’uu ibsameera.
 
Ministeericha bara 2013 keessa Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 90 walitti qabuuf karoorfachuu beeksiseera.
 
Taammiruu Kaffalanyitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.