Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoons liigii Awrooppaan PSG xumuraaf ga’e

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – Tapha walakkaa xumuraa Shaampiyoons Liigii Awrooppaa eda galgala taphatameen Paariis Seent Jarmeen RB Laaypiziig injifachuun xumuraf ga’e.

Paariis Seent Jarmeen 3-0n RB Laaypiziig injifachuun yeroo jalqabaf xumuraaf ga’eera.

Goolii Marquinhos, Angeel Dii Maariyaa, fi Jaunt Bernat galchaniin Paariis Seent Jarmeen seenaa shaampiyoons liigiin jalqabaaf xumuraaf ga’eera.

Tapha kanarratti Angeel Dii Maariyaan taphataa cimaa taphichaa ta’eera.

Oduu biroon galgala har’a Baayeer Muuniik xumuraaf darbuuf Olompik Liyoon waliin ni falmata.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.