Fana: At a Speed of Life!

Proojaktoota eegalaman xumuruun hojii keenya ijoodha – Aadde Adaanachi Abeebee

Finfinnee, Hagayya 13, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti proojaktoota eegalaman xumuruun hojii duraa ta’uu itti aantuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee ibsan.
 
Magaalaa Finfinnee akka maqaa ishee miidhagduu, jireenyaaf mijooftuu fi hawwattuu taasisuuf proojaktoota eegalaman xumuruuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu aadde Adaanachi dubbataniiru.
 
Yeroon isaa yeroo qormaataan guuttame ta’us, jiraattoota magaalichaa walqixa fayyadamoo taasisuuf kan hojjetan ta’uus himaniiru.
 
Magaalaa Finfinnee misoomsuuf itti gaafatamummaa isaaniii ga’umsaan ba’uuf qophaa’uu isaanii ibsaniiru.
Rakkoo mana jireenyaa jiraattoota furuu,dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu foyyeessuu fi bu’uraalee misoomaa eegalaman xumuruu fi haaraa hojjechuun magaalaa ammayyooftuu fi hawwattuu ijaaruun karoora keenya ijoodha jedhan aadde Adaanachi.
 
Waggoottan lamaan darban keessa hojiileen magaalicha keessatti raawwataman jajjabeessaa ta’uu eeraniiru.
 
Magaalaan Finfinnee iddoo jireenyaa qaama hundaa akka taatuuf hojii cimaa hojjetamaa ture caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.
 
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.