Fana: At a Speed of Life!

“Tiraamp waan jedhe nama hin raawwanne sammuun darbeedha” Misheel Obaamaa

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – “Tiraamp waan jedhe nama hin raawwanne sammuun darbeedha” Misheel Obaamaa

Kaleessa warri demokiraatotaa jila guddaa godhatanii dhimmoota jajjaboo irratti wal-ta’anii, dhimmoota kaaniif ammoo beellama qabataniiru.

Jila kana hordofee jechoota walitti deddeebisuun paartilee jajjaboo Yuunayitid Isteet Demokiraatii fi Rippaablikaan gidduutti heddummaateera.

Jila kanarratti sagalee waraabanii erganii yaadasaanii kan dabarsan Giiftii dureen duraanii Yuunayitid Isteet Michel Obaamaan, Pirezidaant Doonaald Tiraampiin hedduu qeeqan.

“Doonaald Tiraamp preezdaantii biyya keenyaa ta’uuf nama sirrii miti’’ jedhan.

Dhibee addunyaaf yaaddessaa ta’e, vaayrasii koroonaa ilaalchisuun Tiraamp qoosaa turan kan jedhan Michel Obaamaan, sababa kanaaf diinagdeen keenya haala nama rifaasisuun raafamaa jira jedhan.

Waa’ee Waayit Haawus wayita dhageenyu burjaajii, walqooduu, fi wal-hubannoo dhabuu dhageenya, kunimmoo hanqina hooggansaati jedhan.

Waggootii arfan darban keessa seenaan dalagame ijoolleetti himuufillee kan nama qaanessuudha jedhan Michel Obaamaan.

“Hooggantoonni keenya lammiidhuma Ameerikaa akka diinaatti maqaa xureessaa turan.

Olaantummaa nama adii leellisuun kaan qoollifataa turan, kanaafuu Tiraamp nama sammuun darbee fi dandeettisaa olitti nama yaaduu barbaaduudha, kanaaf waan dubbatu yeroo galmaan ga’u hin argin,’’ jedhan.

Dhimma kanarratti yaada kan kennan Pirezidaanti Doonaald Tiraamp, namoonni qeeqa kaasan warra hojiisaanii sirnaan hojjechuu dadhabanii kufaniidah ittiin jedhan.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.