Fana: At a Speed of Life!

Koreen hoji raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa haala waqtaawaarratti mari’achuudhan kallattii kaa’e

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Koreen hoji raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa haala waqtaawaarratti mari’achuudhan kallattii kaa’e.
 
Paartichi ibsa isaatin gufuulee mudatan irra aannee, badhaadhina Ityoophiyaa ni milkeessina jedheera.
 
Koreen hoji raawwachiistuu paartichaa har’a walga’iisaa gaggeessen, dhimmoota waqtaawaa biyyaa fi paartichaarratti mari’ateera.
 
Waggoottan lamaan darban injifannoo, qormaataa fi abdiin waljijjiiraa boqonnaa haaraatti cee’aa jirra jedheera.
 
Gabrummaa fi abbaa irrummaa keessaa baanee demokraasii ijaaruu keessatti abdii horuun danda’ameeras jedheera.
 
Proojaktoonni buleeyyiin akka xumuraman, diinagdeen akka dadammaqu, fayyadamtummaan akka mirkanaa’u, miirri injifannoo akka dagaagu taasifameeras jedheera.
 
Odeessa waljibbiinsaa keessaa baanee obbolummaan sabaa fi sablammootaa akka cimu hojjetameera jedheera korichi ibsa isaatin.
 
Sochii diigumsa biyyaatif carraaqqamu irra aanuuf hojjetamaa turuu fi jiraachunis eerameera.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa dhiibbaa diinagdeerran ga’u dandamachiisuuf Birrii biiliyoonni 10 damee dhuunfaa jajjabeessuuf gadhiifameera.
 
Lammiilee miiliyoona 3 oliifis carraan hojii uumameera.
 
Daldalli alaa kan bara darbeerra daballii %14, agarsiisuun Doolaarri biiliyoonni 3 argameera.
 
Ooyruu qonnaan bulaa lafa heektaara miiliyoona 11.7 sanyiidhan uwwisuun danda’ameera.
 
Lafa weerarri awwaannisaa itti mudate %95tti biifaan keemikaalaa raawwatameera.
 
Ijaarsa Hidha Haaromsaa ariifachiisuun guutinsa bishaanii marsaa jalqabaa milkeessuun danda’ameeras jedheera korichi.
 
Tola ooltota miiliyoona 10 ol ta’aniin hojiin tajaajila lammummaa akka biyyaatti hojjetameera.
 
Dhaabbiin biqiltuu biiliyoona 5 milkiin xumuramuu, kan bara darbee dabalatee waggaa 5 keessatti biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfamuu eerera.
 
Nagaa fi tasgabbii mirkaneessuu, akkasumas olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojiin eegalame cimeet itti fufas jedheera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.