Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Moqaadishootti qaqqabeen lubbuun namoota 16 darbe

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Magaalaa guddoo Soomaaliyaa Moqaadishootti haleellaa Hooteelarratti raawwatameen lubbuun namoota 16 durbuu himame.
 
Haleellaa qaqqabe kanaan lubbuun namoota 16 darbuu fi namoota 43 irra ammoo miidhaan ga’uu Dubbii Himaan mootummaa biyyaattii Ismaa’iil Mukatar Oomar himaniiru.
 
Haleellaa Hooteela Illiit jedhamurratti raawwatameen hidhattoonni hedduun ajjeefamuus himaniiru.
 
Humnoonni nageenyaa biyyattii fi hidhattoonni naannoo sana jiran yeroo dheeraaf erga walitti dhukaasaanii booda haalli jiru to’atamuu ibsameera.
Hooteela kanatti yeroo baayy’ee qondaaltoota mootummaattu fayyadama jedhameera.
 
Hidhattoonni al –shabaab irra deddeebiin balaa akka kanaa qaqqabsiisaa jiraachuu himameera.
 
Maddi:- CGTN Afrikaa
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.