Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Beenishaanguul Guumzitti maddi anniisaa Birrii miiliyoona 25.9 oliin ijaarrame ebbifamuun tajaajila laachuu eegale

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Guumzitti maddi anniisaa Birrii miiliyoona 25.9 oliin ijaarrame ebbifamuun tajaajila laachuu eegale.

Proojaktichi godina Matakkal aanaa Dibaaxiitti Birrii miiliyoona 25 fi Birrii kuma dhibba 9 fi kuma 36 fi 603 ijaarrame.

Ijaarsisaa baatii Gurraandhalaa 2011 kan eegalame yoo ta’u, guutummaan xumuramuun tajaajila laachuu eegaleera.

Ijaarsa buufata raabsaasaa dhaabbanni Chaayinaa “CET” Koonsartam kan hojjete yoo ta’u, kan raabsaa ammoo waajjirri dhiyeessii elektiriikaa hojjeteera.

Proojaktichi Hagayya 7,2012 guutummaan hojii kan eegale yoo ta’u, elektiriika kiilowaatii 275 maddisiisuu danda’a.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.