Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti hammi hoo’aa daraan olaanaa ta’e galmaa’uu himame

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Ameerikaatti hammi hoo’aa akka addunyaatti isa olaanaa ta’uu danda’u galmaa’uu himame.
 
Ameerikaa bulchiinsa Kaaliifoorniya Paarkii Deez Vaalii jedhamutti hammi hoo’aa Digrii Seeliishiiyesii 54.4 ta’e galmaa’uu Tajaajjilli Raaga Haala Qilleensaa Biyyaalessa Ameerikaa himeera.
 
Daangawwan Dhiha Ameerikaatti guyyaa har’aa fi booruu hammi hoo’aa daraan olaanaa ta’e galmaa’uu akka danda’u Tajaajilichi beeksiseera.
 
Sanbata darbe hammi hoo’aa olaanaa ta’e Kaaliifoorniyaatti muudatee turuu ibsameera.
 
Sababa kanaan miidhaa madda anniisaarra ga’een dhiyeessiin humnaa guyyoota lamaaf adda cituu himameera.
 
Dabalataan bulchiinsa kaaliifoorniyaa naannoo tokko tokkotti ibiddi muul’achaa jiraachuu aanga’oonni naannichaa dubbataniiru.
 
Bara Faranjootaa 2013 keessa naannoo kanatti hammi hoo’aa Digrii Seeliishiiyesii 54 ta’e muul’achuu himamee ture.
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.