Fana: At a Speed of Life!

Maanchiisteer Yuunaayiitiid Liigii Awrooppaa ala ta’e

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Tapha walakkaa xumuraa eda galgala taphatameen Maanchiisteer Seeviyaan injifatamuun liigichaa ala ta’e.
 
Seeviyaan 2-1 Maanchiisteer injifachuun yeroo 6ffaa tapha xumuraaf darbuu isaa mirkaneeffateera.
 
Sochii tapha waliigalaan Seeviyaan Maanchiisteerirra fooyya’ee argameera.
 
Taphichi eegalamee daqiiqaa 9ffaarratti Bruunoo Fernandees peenaaliitiin maachisteeriif goolii tokko lakkoofsisee ture.
 
Daqiiqaa 26ffaarratti Fernaandees Saez Seeviyaaf goolii tokko galchuun boqonnaan duraa 1-1 qixa xumuramee ture.
 
Taphni xumuramuuf daqiiqaan 12 yeroo hafutti Dii Joong goolii tokko Seeviyaaf dabaluun Maanchiisteer liigichaa ala taasiseera.
 
Tapha kanarratti taphattoonni sarara duubaa Maanchiisteer ga’umsa gadi aanaa muul’isaniiru jedhame.
 
Oduu biraan galgala har’aa falmiin Intar Miilaanii fi Shakatar Dooneskiin waliin taasisan hawwiin eeggamaa jira.
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.