Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1038 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 13 darbeera

Finfinnee, Hagayya 9, 2012 (FBC) –  Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 kaleessa darbeen namoonni dabalataa 1038 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 13 darbu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbetti qorannoon laabraatoorii namoota 17,323 hojjetameen namoonni 1038 vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni haaraan 232 yoo dandamatan, waliigala namoonni 11,660 dandamataniiru.

Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 27,242 qaqqabeera.

Waliigala Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 492 qaqqabeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.