Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalataa 151 vaayrasii koroonaa qabaman

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 151 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 4023 hojjetameen vaayrasichi namoota 151 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 2566 gaheera.

Waliigala Lubbuun namoota 27 darbeera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 65,289 gaggeeffameera.

Nammoonni haaraan 44 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 847 dandamataniiru.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 1692 ta’uu biirichi ifoomseera.

Nammoonni 3 wallaansa addaa keessatti argamu.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.