Fana: At a Speed of Life!

Sirna Gadaa barnoota idilee keessatti laachuuf hojjetamaa jira -BATO

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) –Sirna Gadaa barnoota idilee keessatti laachuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa beeksise.

Haala  sirna Gadaa barnoota idilee keessatti kennuun danda’amurratti koreen hayyoota Yuunvaarsiitii adda addaarraa, Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa fi Biiroo Barnoota Oromiyaarra walitti ba’an  hojjechaa jiraachuu Hoogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deessisaa OBNtti himaniiru.

Koreen hundaa’e kunis hundagaleessa jedhaniiru.

Sirni Gadaa duraan barnoota garaagaraa keessatti bifa facaatii qabuun kannamaa ture  bifa qindaa’ee dhiyaachuu akka qabu irratti waliigalameera jedhan.

Sadarkaan itti kennamuu fi haala barnoota idilee keessatti laatamurratti qorannoo bal’aan godhamuu himaniiru.

Hayyoonni fi qaamni dhimmi ilaallatus irratti mari’achuu obbo Kabbadaan dubbataniiru.

Haala itti laatamuu fi yoomii eegalee akka laatamu fuulduratti kan ifoomu ta’uu himaniiru.

Hojicha milkeessuuf Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Kaarkulamii haaraa fi  kitaabilee qopheessuun akkasumsa  barsiisota leenjisuun hojii yeroo fudhatu waan ta’eef, hamma danda’ameetti yeroo gabaabaa keessaatti xumuruu  hojjetamaa jira jedhan.

Sirni Gadaa jiruu fi jireenya Oromoo akka waliigalaatti kan of keessaatti haammatee qabuudha jedhan obbo Kabbadaan.

Dhaloonni  ammaa duudhaa Sirna Gadaa beekanii akka guddatan gochuun Oromummaa isaanii beekanii akka guddatan gochuudha jedhan.

Akka OBN gabaasetti Sirna Gadaa barnoota idilee keessa galchanii barsiisuun qaawwa dhaloota haaraa biratti eenyummaan walqabatee mudatu duuchuun dhaloota bararuuf yaadameeti.

Sirna Gadaa cimsuun tokkummaa Oromoo cimsuudhas jedhan.

Obbo Kabbadaan dhaloonni haaraan duudhalee Sirna Gadaa gadi fageenyaan  hubachuu akka qaban dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.